Yeroo jalqabaaf daldala alaarraa galii Doolaara biiliyoona 10 ni milkeessina- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Ebla 25, 2018(FMC) – Itiyoophiyaan seenaa ishee keessatti bara kana yeroo jalqabaaf daldala alaarraa galii Doolaara biiliyoona 10 ni milkeessiti jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Eksipoo 4ffaa ‘Itiyoophiyaan haa oomishtuu’ eebbisuun ifatti bananiiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita kana haasawaa taasisaniin, waggoota sadii dura galii Itiyoophiyaan daldala alaarraa argachaa turte Doolaara biiliyoona 3 akka hin caalle yaadachiisaniiru.

Bara kana seenaa Itiyoophiyaa keessatti daldala alaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 10 akka galmaa’u ibsuun, bu’uurri milkaa’ina kanaa damee indaastirii ta’uu eeran.

Wayita sosochiin ‘Itiyoophiyaan haa oomishtuu’ eegalamu guddinni damee oomishaa %4.7 ture bara kana gara %10.7’tti guddachuu kaasaniiru.

Guddinni kun kan galmaa’e gahee sosochichi daldala alaa akkasumas oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuu keessatti bahateen ta’uu eeraniiru.

Waggoottan arfan darban keessa oomishaaleen alaa galan Doolaara biiliyoona 14.5’tti tilmaamaman oomishamuu yaadachiisanii, hangi kun waggoottan arfan dhufanitti dachaan akka guddatu hin shakkisiisu jedhan.

Waggoottan arfan darban keessa indaastiriiwwan sababoota garaagaraan hojii dhaabanii turan 993 gara hojiitti deebifamuu eeruun, kunis carraa hojii uumuu, oomishaalee alaa galan bakka buusuufi daldala alaa keessatti qooda olaanaa qabaachuu hubachiisaniiru.

Sosochiin ‘Itiyoophiyaan haa oomishtuu’ erga eegalee abbootii qabeenyaa haaraa kuma 3 fi 680 hawwachuun akka danda’ame; rakkoolee damichaa furuun oomishtoota kumaatama uumuun akka danda’amus ibsaniiru.

Hayilamaariyaam Taganyiin.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment