Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa invasteroota biyyoota garaagaraa hawwachaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2018(FMC)- Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa Oromoo dinagdeen aangessuuf akeekamee kan hundaa’e yoo ta’u yeroo ammaa hojiiwwan investimentii addaa addaa hojjechuu jalqabeera.

Hojiiwwan investimentii hojii eegalanis dameewwan Daldalaafi Loojistiksii, Qonna(Agroo/food processing), Manufaakchariingii, Albuuda,Tajaajilaafi kanneen biroodha.

Hojiiwwan kanneenirrattis abbootii qabeenyaa Itiyoophiyaa dabalatee kanneen biyyoota Chaayinaa, Ameerikaa , Eemireetota Araba Gamtoomanii, Hoolaandi, Xaaliyaaniifi kanneen biroon bobba’aniiru.

Guyyaa har’aa ,Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannoo biroon Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa daawwachaa akka jiran ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment