Finfinnee, Fulbaana 07,2019(FMC) – Itiyoophiyaan seenaa ishee keessatti waggoota dheeraaf bu’aa ba’ii fi qormaata ishee mudatan hunda, tokkummaa cimaa fi jaalala biyyaa ummatni ishee qabuun ofirraa ittisaa turteetti.
Bara ammaa kanas, haalli qabatamaan sadarkaa ardii fi addunyaatti Itiyoophiyaan keessatti argamtu, boqonnaa qabsoo fi seenaa haaraa akka banu ishee dirqisiiseera.
Kunis gaaffiin ulaa galaanaa faayidaa dinagdee bira darbee, jiraachuu biyyaa fi carraa dhaloota egeree waliin walqabsiisuun, “sosochii gootummaa dhaloota ammaa” gochuun fudhachuun itti gaafatamummaa seenaa ti.
Biyya saffisaan guddachaa jirtuu fi uummata miliyoona 130 ol qabduuf, ulaa galaanaa argachuun dhimma qananii ykn fedhii siyaasaa yeroo gabaabaa miti.
Kana caalaa, bu’uura misooma, nageenyaa, dhiibbaa naannawaa fi bilisummaa dinagdee egeree ijaaruuf murteessaa ta’ee dha.
Biyyi ulaa galaanaa mataa ishee hin qabne kiraa buufataa fi Loojistiksii irratti sharafa alaa guddaa baasuun, gatiin oomishaa akka dabaluufi jireenyi akka qaala’u taasisa.
Mirga ulaa galaanaa mirkaneessuunis dhiibbaa kana karaa waaraan furuuf gargaara.
Kallattiin gara daandiiwwan galaanaa idil-addunyaa gahuun daldala alaa galtee fi ba’umsaa Itiyoophiyaa saffisaa fi gabaa addunyaa irratti dorgomaa akka ta’u taasisa.
Kana malees, walitti hidhamiinsa uummataa fi uummataa naannawaa cimsuun, yaaddoowwan nageenya biyyaa waaraan ittisuuf carraa uuma.
Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa gaaffii haqaa dhalootaa irraa dhalootaatti darbu ta’ee kan ture yoo ta’u, mirga kana kabachiisuu fi mirga Itiyoophiyaa mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamu dirqama biyyaalessaa lammiilee hundaa ta’uun xiyyeeffannoo argateera.
Itoophiyaanonni qormaata seenaa keessatti isaan mudate hunda keessa darbanii biyya isaanii jabeessuu kan danda’an, garaagarummaa keessoo cinaatti dhiisuun dhimmoota biyyaalessaa gurguddoo irratti cichoomina qaban irraa kan madde dha.
Humna dinagdee, teeknooloojii, dipilomaasii fi walitti hidhamiinsa cimaa uummataa yeroo ammaa irraa eegamu ijaaruun, mirga fayyadamummaa ulaa galaanaa kabachiisuu fi kabaja biyyaalessaa cimsuuf humna guddaa uuma.
Gootummaan dhaloota ammaa hojii, kalaqa, ijaarsa dinagdee fi tokkummaa biyyaalessaa cimaa irratti hundaa’uun biyya gara fuulduraatti tarkaanfachiisuudha.
Mirga fayyadamummaa ulaa galaanaa mirkaneessuunis, qaama daandii gootummaa dhaloota ammaa kanaa ta’a.