Finfinnee, Onkoloolessa 24, 2019 (FMC) — Onkoloolessi 24 guyyaa gootota aarsaa kaffalan itti yaadatan, gochi gantummaa irra deebi’ee biyya irratti akka hin raawwatamne dammaqinaan itti eegan fi waadaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf galame itti haaromsaniidha.
Onkoloolessa 24, 2013 haleellaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa, Ajaja Kaabaa irratti raawwatame, gocha gantummaa cimaa ta’ee seenaa keessatti galmaa’eera.
Aarsaan qaalii miseensonni raayyaa ittisaa tokkummaa biyyaalessaa tikfachuuf kaffalanis dhaloonni itti aanu gaddaafi gaabbii guddaadhaan kan yaadatu ta’eera.
Raayyaan ittisaa waggootaaf nageenya naannoo Tigraay kabachiisuu, misoomaafi hojiiwwan qonnaa keessatti amanamummaadhaan ummata tajaajilaa ture. Haa ta’u malee, haleellaan akka humna weerartuu biyya alaa irratti raawwatameen gantummaan hammaataa irratti raawwatameera.
Haleellaan kun dabalataan birmadummaa biyyaalessaa balaadhaaf saaxiluuf yaalii taasifamee dha.
Haa ta’u malee, aarsaan guddaan miseensonni raayyaa ittisaa kaffalaniifi tokkummaan ummanni Itiyoophiyaa guutuun agarsiise, boqonnaa seenaa Itiyoophiyaan akka hin diigamne baraare ta’ee galmaa’eera.
Guyyaan kun waggaa waggaadhaan kan yaadatamu gadda darbe deebisanii kaasuu qofaaf osoo hin taane, aarsaa miseensonni raayyaa ittisaa biyya isaanii qaalii taateef kaffalan yaadachuufi kabajuufi.
Birmadummaafi bilisummaa biyyaa haala amansiisaa ta’een eegsisuuf, raayyaan ittisaa meeshaalee waraanaa ammayyaa, beekumsaafi leenjii gahaan ijaaramuun humna ittisaa biyyaalessaa sabdaneessaa cimaa ta’e ijaarameera.
Yeroo ammaa Raayyaan Ittisa Biyyaa Rippaablika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa loogii siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta’ee, humna gahumsaa fi caasaa ammayyaa qabu birmadummaa Itiyoophiyaafi nageenya lammiilee haala amansiisaa ta’een eeguu danda’u, ta’eera.
Aarsaan Ajaja Kaabaa, daangaa biyyaalessaa eeguu qofa osoo hin taane, tokkummaa biyya keessaa cimsuunis hojiiwwan ijoo raayyaa ittisaa keessaa tokko ta’uu mirkaneesseera.
Haleellaa sana hordofee deeggarsiifi tumsi gama hundaan ummanni Itiyoophiyaa guutuun raayyaa ittisaaf agarsiise tokkummaa biyyaalessaa cimaa uumeera.
Yeroo ammaa Raayyaan Ittisa Biyyaa kabajaafi birmadummaa Itiyoophiyaa, akkasumas nageenya ummatootaaf aarsaa kaffaluu itti fufee jira.
Raayyaan ittisaa bosonaafi gaarreen keessatti qabsaawaa, fakkeenya gootummaa tokkummaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa kabachiise ta’ee jira.
#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaa
Tigisti Gizaachoon