Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2019 (FMC) — Itiyoophiyaa fi Dhaabbanni Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) tumsa isaanii cimsuuf marii gama lameenii gaggeessaniiru.
Jilli Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyin durfamu, walgahii waggaa Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa fi Baankii Addunyaa Taayilaand, Baankookitti gaggeeffamaa jiru irratti hirmaachaa jira.
Dooktar Iyyoob Takkaaliny walgahii waggaa kana cinaatti Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaatti Daayirektara Kutaa Afrikaa Zayin Zayidaan waliin marii gama lameenii geggeessaniiru.
Odeeffannoon Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa akka agarsiisutti, mariin kun ajandaa haaromsa diinagdee Gooroo Itiyoophiyaa irratti xiyyeeffata.
Mariin kun bu’aawwan hanga ammaatti haaromsa diinagdee keessatti galmaa’an madaaluu, haala diinagdee yeroo ammaa gamaaggamuu, akkasumas hojiiwwan haaromsaa itti aananii raawwataman keessatti ajandaa dursi kennamuufii qabu adda baasuuf akka dandeessise ibsameera.
Dabalataanis, qaamoleen lamaan tasgabbii diinagdee maayikiroo cimsuun guddina diinagdee waarawaaa hunda hammateef haala mijataa uumuun akkaataa danda’amu irratti mari’ataniiru.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa