Wareegama Alaabaaf kaffalamu

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2019(FMC)- Alaabaan mallattoo eenyummaa, birmadummaa, tokkummaa fi kabaja biyyaa ti.
 
Birmaddummaa fi kabajni biyyaa ammoo dafqa, dhiiga, lafee akkasumas wareegama lubbuu Raayyaa Ittisa biyyaafi qaamolee nageenyaa biroo irratti bu’uureffama.
 
Gootonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa birmadummaa biyya isaanii kabachiisuuf wareegama guddaa kaffalaa turaniiru; kaffalaas jiru.
 
Seenaa ishee keessatti daangaa darbuun kabaja biyya kamiyyuu tuqxee kan hin beekne Itiyoophiyaan, diinonni ishee dhiyoo fi fagoo jiran faallaa kanaan birmadummaa ishee sarbuuf hedduu carraaqanis, qabsoo hadhaa’aa ilmaan isheetiin waaroo salphinaa uffataniiru.
 
 
Gootonni ilmaan Itiyoophiyaa garuu injifannoorratti injifannoo galmeessisaa birmadummaa biyya isaanii hundee cimaarratti bu’uuressaa har’aan ga’aniiru, borus itti fufu.
 
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimadis wayita tokko dubbii dubbataniin Raayyaan Ittisaa birmadummaa biyyattii kabachiisuu fi nageenya ishee mirkaneessuuf wareegama guddaa kaffalaa turu cimsanii kaasaniiru.
 
Qaammee 3, 2018 kabaja “Guyyaa Cichoominaa” ilaalchisees ergaa dabarsaniin, gootota nageenya, birmadummaa fi itti fufiinsa biyyattii eeguuf lubbuu isaanii wareegan kabaja guddaan yaadachuun akka barbaachisu hubachiisuun isaanii kan yaadatamuu dha.
 
Har’a guutuu biyyattiitti mallattoo birmadummaa fi wareegama qaalii gootonni kunneen kaffalaniif guyyaan Alaabaa kabajamaa jira.
 
Pireezidaantiin RDFI Taayyee Atsiqasillaaseen kabaja Guyyaa Alaabaa kana wayita eegalchiisan, miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa, akkasumas qaamoleen nageenyaa gaachana biyyaa, wabii nageenya uummataafi eegduu amanamaa birmadummaa keenyaati jechuun gootummaa isaanii ibsaniiru.
 
Kabaja Alaabaaf jecha gammoojjiifi bosona, qorraafi saafaa, halkaniifi guyyaa osoo hin jedhiin biyya keenya balaa irraa eeguuf wareegamni kaffalan dhalootaa dhalootatti akka darbus hubachiisa’
 
“Guyyaa har’aa nageenyaafi birmadummaa biyyaaf wareegama kan kaffalan gootota cichoominaa keenya kabajaa jirra” jechuun dubbatan.
 
Hawwii gufuuwwan nageenya biyyattii fashaleessuun kabaja Alaabaa Keenyaaf waloon ni dhaabbanna jechuunis hubachiisan.
 
Ayyaanaa Dheeressaan
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

 

Comments (0)
Add Comment