Finfinnee, Caamsaa 5, 2018 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Atileetiksii Idil-addunyaa Joon Raajiyoon waliin mari’ataniiru.
Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, carraalee tarsiimawoo Ispoortii irratti marii bu’aa qabeessa taasisuu ibsan.
Kaayyoon ijoo marichaa gaaffii Itiyoophiyaan Shaampiyoonshiippii Altimeeti 2028 fi Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 2031 qopheessuuf gaafatte ka’umsa godhachuun Istaadiyeemiiwwan Finfinneetti ijaaramaa jiraniifi bu’uuraalee misoomaa Ispoortii biroo gamaaggamuuf akka ta’e eeraniiru.
Finfinneen dhiyeenya taateewwan Ispoortii idil-addunyaa sadii ol gahumsaan keessummeessuus yaadachiisaniiru.
Taateewwan Ispoortii idil-addunyaa keessummeessuuf akkasumas ispoortessitoota guddattoota horachuuf ijaarsa bu’uuraalee misoomaa Ispoortii, leenjiiwwan babal’isuufi aadaa keessummaa simachuu uummata keenyaa irratti jilichaaf ibsa gooneerra jedhan.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Atileetiksii Addunyaa Joon Raajiyoon gama isaaniin, jijjiiramni gama maraa Finfinneetti mul’achaa jiruufi kutannoo mootummaan taateewwan Ispoortii keessummeessuuf agarsiise dinqisiifataniiru.
Dhaabbatichi Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf fedhii qabaaachuus ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia