Finfinnee, Caamsaa 7, 2018(FMC) – Komishiniin Maree Biyyaalessaa gabasaa raawwii bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Hoggantoonni Olaanoo Mootummaa Federaalaa fi Naannoo fi Miseensonni Koree Dhabbii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa argamanitti dhiyeesseera.
Hojiilee ijoo Komishinichi hanga ammaatti raawwate, rakkoolee mudatanii fi rakkoolee kanneeniif furmaanni kennaman kan dhiyaatan yoo ta’u, fuulduratti marii biyyaalessaa akkaataa yaadameen gaggeessuuf gahee qooda fudhattoota garaagaraarraa eegamu kaa’eera.
Milkaa’inoota ijoo hanga ammatti galmaa’an keessaa -;
Marii hirmaachiisaa fi hammattaa ta’ee keessatti kanneen qooda fudhatan adda baasuu.
Aanaalee kuma 1fi 234 kutaa biyyattii %93 uwwise keessatti hojiin ajandaa walitti qabuu gaggeeffame.
Gama biraatiin Komishinichi qooda fudhattoota waliin marsaa 22 walitti dhiheenyaan mari’achuuf tattaaffiin bal’aan jiraatuus haalli mijaataan waan jirreef aanaalee Naannoo Tigraay keessa jiraanitti marii gaggeessuun kan hin danda’amne ta’uun eerameera.
Rakkoo kanaaf deebii kennuuf komishinichi qooda fudhattoota naannoo Tigraay irra walitti babba’anii fi dhalattoota naannichaa kutaalee biyyattii garaagaraa keessa jiraatan waliin Magaalaa Finfinneetti hojiin ajandaa walitti qabuu gaggeeffameera.
Marii Biyyaaleessaa boqonnaa itti aanuuf komishinichi hojiilee armaan gadii hojjechuuf kallattii kaa’eera;-
- Hirmaannaan taatoota Siyaasaa cimsuu.
- Ajanadaa Marii Biyyaalessaa bocuu.
- Yaa’ii Marii biyyaaleessaa gaggeessuu.
– Hojiirra oolmaa yaadota fi waliigalteewwan sadarkaa biyyaalessaatti raawwatamaniif haalota mijeessuun hojiilee komishinichi fuulduraa keessatti argamu.
#Oromia #Ethiopia