Finfinnee, Waxabajjii 2, 2018 (FMC) – Liiliyaan Turaam fi Maarkas Turaam abbaa fi ilma yeroo addaddaatti garee biyyaalessaa Faransaay bakka bu’uun tapha Waancaa Addunyaa irratti taphatanii dha.
Gareen biyyaalessaa Faransaay akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1998 yeroo waancaa addunyaa fudhatetti, taphattoota gumaacha guddaa taasisan keessaa abbaan Maarkas, Liiliyaan Turaam isa tokko ture.
Ijoolleen isaa abbaa isaanii hordofan Maarkas fi Keefraan Turaam sadarkaa guddaa irratti kubbaa miilaa taphachaa jiru.
Taphataan fuulduraa Kilaba Intar Miilaan Maarkas Turaam, akka abbaa isaa garee biyyaalessaa Faransaay bakka bu’uuf carraa argateera.
Maarkas Turaam dorgommii Waancaa Addunyaa Kaataar bara 2022 irratti garee xumuraaf gahee keessaa tokko ture, Waancaa Addunyaa bara 2026 keessatti immoo garee Diidiyee Deeshaan hogganamu fi shaampiyoonummaaf tilmamamu keessatti miseensa ta’uun gara Ameerikaa Kaabaa imala.
Quxisuun Maarkas, Keefraan Turaam, Liigii Xaaliyaanii Seerii A keessatti Juuvantas waliin yeroo gaarii dabarsus, leenjisaa garee biyyaalessaa Faransaay Diidiyee Deeshaan amansiisuu waan hin dandeenyeef osoo hin filatamin hafeera.
Mubaarak Fantaawutu gabaase
#Oromia #Ethiopia