ABUT daa’imman umrii loltummaaf hin ga’in dirqamaan waraanatti galchaa jira – ‘The Guardian’

Finfinnee, Fulbaana 27, 2019 (FMC) – Gaazexaan Ingilizii “The Guardian”, gareen seeraan alaa ABUT daa’immanii fi dargaggoota umrii loltummaaf hin geenye dirqamaan loltummaatti galchaa jiraachuu gabaase.

‘The Guardian’ gabaasa baaseen, gareen seeraan alaa ABUT mootummaan federaalaa  haleellaa diroonii narratti raawwatameera jechuun, Waliigaltee Piriitooriyaa diiguun qaamolee nageenyaa mootummaa federaalaa irratti haleellaa haalloo bahuu  raawwachuuf waraana labsuu isaa ibseera.

Garichi waraana erga labsee boodas, daa’immanii fi dargaggoota umriin isaanii loltummaaf hin geenye dirqamaan loltummaa keessa galchaa jiraachuu gabaasichi ibseera.

The Guardian, maddoota Naannoo Tigraay eeruun akka gabaasetti, gareen kun dargaggoota umriin isaanii waggaa 15 hin caalle, akkasumas lammiilee umriin isaanii hanga waggaa 65 ga’u dirqamaan loltummaaf qopheessaa jiraachuu mirkaneesseera.

Dabalataanis, gareen kun hojii butuu fi doorsisaa raawwachaa jiruun naannichatti sodaa fi rakkooleen hawaasummaa uumamaa jiraachuu gabaasicha keessatti ibsameera.

Dhalataan Tigraay Gazzuu jedhamu, Zagardiyanittii  akka himeetti, waraana waggoota dura taasifameen hiriyoota isaa hedduu dhabuu isaa ibsuun, gocha  seeraan alaa ABUT dirqamaan namoota walitti qabee waraanatti galchaa jiru baqachuun dhokachuu dubbateera.

Gareen kun jalqaba irratti waamicha duulaa dhiyeessuu isaa yaadachiisuun, garuu uummata irraa deebii gaarii dhabuu isaatiin boodarra namoota dirqamaan walitti qabuutti ce’uun, daa’immanii fi lammiilee nagaa dirqamaan loltummaa keessa galchuu jalqabuu ibseera.

Dhalataan Tigraay kan biraa Solomoon jedhamu, ‘The Guardianiif ragaa kennuun, hojii namoota dirqamaan walitti qabuu gareen seeraan alaa kun raawwatu sodaachuun gara Finfinnee  dhufuu isaa himeera.

Yeroo Naannoo Tigraay keessa turetti, gareen kun daa’immanii fi dargaggoota karaa irraa, akkasumas konkolaattota uummataan  deeman qabee fudhachuu isaa arguu ibsuun, sodaatee gara Finfinnee dhufuu isaa dubbateera.

Haaluma wal fakkaatuun, Efreem kan jedhamu abbaan ijoollee sadi’ii, hojii ukkaamsaa garee kanaa sodaachuun ji’oota muraasa dura naannoo sana gadhiisee ba’uu himeera.

Duraanis, gareen seeraan alaa ABUT waraana bakka bu’ootaatiin gaggeeffamu raawwachuu fi yeroo itti aangoo irra turu dheereffachuuf daa’immanii fi lammiilee siivilii dirqamaan loltummaa keessa galchaa turuu isaa BBC, Euro News fi Reuters dabalatee miidiyaaleen hedduun gabaasuun ni yaadatama.

 #MootummaaIda’amuu

Mikiyaas Ayyaalee

Comments (0)
Add Comment