Finfinnee, Sadaasa 14, 2019 (FMC) – Afrikaan birmadummaa Fayyaa ishee mirkaneessuuf kaayyoo ifa ta’e qabattee hojjetaa jirti jedhan Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yuusuuf.
Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii, Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yuusuuf fi Hoggantoota biyyoota Afrikaa dabalatee qooda fudhattoonni sadarkaa adda addaa bakka argamani Konfiraansiin Fayyaa Hawaasaa Afrikaa 5ffaan taa’amaa jira.
Fayyaan misooma diinagdee, tasgabbii fi nageenyaa Afrikaa bu’uura jedhan Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yuusuuf.
Afrikaan birmadummaa ishee mirkaneessuuf kaayyoo ifa ta’e qabattee hojjetaa jirti jedhan.
Deeggarsi faayinaansii idil addunyaa raafamuu fi tasgabbaa ta’uu dhabuun saaxilamummaa Afrikaa fi laafina sirnoota fayyaa biyyaalessaa mul’isuu isaa kaasanii; Birmadummaa fayyaa hawaasaa mirkaneessuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisan.
Wabiin fayyaa Hawaasaa, Birmadummaa dhugaaf bu’uura ta’uu ibsan.
Sirni fayyaa baajata alaa fi kanneen biroorratti hirkachuun fayyaa waareessuuf rakkisaa waan ta’eef, Afrikaan tarkaanfii of danda’uu cimaa ta’e fudhachuu akka qabdu yaadachiisan.
Yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa ajandaa nageenyaa fi Birmadummaa fayyaa raggaasuu isaa kaasanii; Walga’iin addaa Adoolessa darbe Gaanaa, magaalaa Akraatti gaggeeffame, Labsii Akraa hanga bara 2030tti hojii irra oolu raggaasisuu ibsan.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa