Finfinnee, Caamsaa 24, 2018 (FMC) – Adeemsi filannoo waliigalaa 7ffaa hanga ammaa jiru akkaataa qabiinsa mirga namoomaa eegeen gaggeeffamaa jira jedhe Komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa.
Komishinichi adeemsa sagalee kennuu kutaalee biyyattii garaagaraatti raawwatamaa jiru daawwachuu ibse.
Jilli Komishinara Olaanaa Komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Birhaanuu Adeelloon durfamu buufataalee filannoo Godina Jimmaa fi Aarbaa Minci daawwateera.
Haalli hanga ammaa jiru kutaaleen hawaasaa garaagaraa akkaataa tasgabbii qabuun ifaa fi bilisaan sagalee isaanii kennaa jiraachuu hubanneerra jedhan Birhaanuu Addeelloon.
Adeemsichi ulaagaa filannoo karaa guutuun raawwatamaa jiraachuu kaasan.
Komishinichi Naannoo Tigraayiin alatti naannawaa filannoon itti gaggeeffamaa jiru waliigalaan naannolee filannoo 175 fi buufataalee filannoo kuma 2 fi 700 taajjabuu komishinarichi ibsaniiru.
Adeemsa hanga ammaa jiruun qabiinsa mirga namoomaarratti rakkoon muudate akka hin jiraanne mirkaneessera jedhe.