Sirna fayyaa Afrikaa cimsuuf tumsi Ardichaa Yaadama Ida’amuun hogganame murteessaadha -Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 14, 2019 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Sirna fayyaa Afrikaa cimsuuf yaadama Ida’amuun hogganamuun dandeettii ardichaa qindeessuun barbaachisaadha jedhan.

Yaa’iin Fayyaa Hawaasaa Afrikaa Idil addunyaa 5ffaan Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad haasawaa baniinsaa yaa’icharratti taasisaniin, dhimmoota dursa kennamuufi waliigaltee waliinii irratti irra ga’amuu qaban sadii kaasaniiru.

Lammiileen keenya hedduun tajaajila yaalaa addaa argachuuf amma illee fageenya dheeraa imaluuf dirqamaa jiru kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, dhimmi dursa jalqabaa kennamuufi qabu giddugala gahumsaa fi tajaajila yaalaa sadarkaa olaanaa qaban misoomsuudha jedhan.

Dhimmi dursa lammaffaa qorichoota qulqullina qabanifi meeshaalee yaalaa Afrika keessatti oomishamaniif fedhii gabaa amanamaa uumuuf humna bittaa ardichaa walitti fiduu ta’uu kaasaniiru.

Kunis oomishtoonni biyya keessaa invastimantii bal’aa akka taasisan, dandeettii oomisha isaanii akka guddisaniifi babal’isan kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.

Kan biraa itti gaafatamummaa mirkaneessuu ta’uu Dooktar Abiy Ahimad eeraniiru.

Karoora keenya gara hojiitti yeroo jijjiirru itti gaafatamummaa cimaa mirkaneessuutu nurraa eegama jedhan.

Waadaa galamu hundaaf qaamni itti gaafatamummaa fudhatu ifa ta’e, baajanni mirkanaa’eefi yeroon raawwii hojii madaaluuf gargaaru jiraachuu akka qabuus hubachiisaniiru.

Milkaa’inni keenya kan madaalamuu qabu jijjiirama qabatamaa lammiileen keenya jireenya isaanii guyyaa guyyaa keessatti tajaajila fayyaa argatan irratti mul’atuun ta’uu qaba akka qabuus himaniiru.

Hayilamaariyaam Tagganyiin.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment