Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Ittaantuu Ugaandaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 14, 2019 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Ittaantuu Ugaandaa Jeesiikaa Aluuppoo waliin mari’ataniiru.

Konfiraansii Fayyaa Hawaasaa Afrikaa Idil Addunyaa 5ffaa cinaatti Pireezidaantii Ittaantuu Ugaandaa Jeesiikaa Aluuppoo waliin dhimmoota waloorratti mari’anneerra jedhan Dooktar Abiy Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasumma isaaniin dabarsaniin.

Marichi hariiroo seena qabeessa biyyoota lamaanii gara tumsa waloo fi guddina naannawaatti jijjiiruun danda’amurratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsan.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment