Alaabaan keenya ragaa walqixxummaa uummattootaafi walooma keenyaati- Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2019(FMC)- Alaabaan keenya ragaa walqixxummaa uummattootaafi walooma keenyaati jedhan Pireezidaantiin RDFI Taayyee Atsiqasillaaseen.

Pireezidaanti Taayyeen kabaja guyyaa Alaabaa bara kanaa wayita eegalchiisan haasawa taasisaniin, Alaabaan mallattoo wareegama, bilisummaa, birmadummaafi tokkummaa bulchiinsaa, ragaa walqixxummaa uummattootaafi walooma keenyaati jedhaniiru.

Asxaa gootonni Itiyoophiyaa dhiigaafi lafee isaanii wareeguun, wareegama lubbuu kaffaluun kabajaan nutti dabarsan laphee keenyarratti maxxanfamee kan ture faajjii bilisummaa keenyaati jechuun ibsaniiru.

Itiyoophiyaan biyya guddoo waggoota kumaatamaaf bilisummaafi birmadummaa ishee eegsisuun kabajamteefi sodaatamtee jiraatte ta’uu yaadachiisanii, seenaan Alaabaa ishees ijaarsa biyyaa waliin hidhata cimaa akka qabu eeraniiru.

Kabaja guyyaa Alaabaa bara kanaas Itiyoophiyaan Filannoo waliigalaa 7ffaa milkaa’inaan xumuruun jala bultii hundeeffama mootummaa haaraa imaanaa uummataa fudhate kabajamuun isaa adda taasisa jedhan.

Bakka buutonni uummataa imaanaan fudhattan sirna federaalizimiifi walqixxummaa uummattootaa kan ittiin mirkaneessitan akkasumas itti gaafatamummaa guddaa tajaajila biyyaalessaa kabaja Alaabaa keenyaa madaalu kennuu qabdu jedhaniiru.

Seerota tokkummaa uummata walqixxummaafi walkabaja irratti hundaa’e cimsan, heddummina kabachiisan, waliigaltee biyyaalessaa cimsaniifi olaantummaa seeraa mirkaneessan baasuurratti tattaaffiin taasisan birmadummaa biyyattiif murteessaa ta’uus hubachiisaniiru.

Ayyaanaa Dheeressaan

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment