Ameerikaan Fandii Doolaara biiliyoona 12 baankitti dhorkamee ture Iraaniif kennuuf waliigalte

Finfinnee,Waxabajjii 16, 2018 (FMC) – Ameerikaan Fandii Doolaara biiliyoona 12 sababa qoqqoobbiin baankitti dhorkamee ture Iraaniif kennuuf waliigalteerti.

Ameerikaa fi Iraan waliigaltee dhukaasaa waaraa taasisuuf marii Siwiizarlaanditti taasisaa jiraniin mariin Teeknikaa xumuramuu hordofee murtee darbee ta’uu ibsame.

Marii gaggeeffameen Ameerikaan gurgurtaa Zayita boba’aa fi Peetirookeemikaalii Iraanirra qoqqoobbii keesse kaasuuf waliigalamuu Af Yaa’iin Paarlaamaa Iraan Mahaammad Baagaar Gaaliibaaf ibsaniiru.

Waliigalticha hordofee Maallaqni akka hin sochoone dhorkame Fandiin Doolaarri biiliyoonni 12 Iraaniif akka kennamu murtaa’uu ‘Al jazeera’n gabaaseera.

Sababa qoqqoobbiin Maallaqni Iraan Chaayinaa, Iraaq, Hindii fi Kaataar dabalatee biyyoota garaagaraatti argamu Doolaara biiliyoona 100 hanga biiliyoona 120 ta’u akka hin sochoone Ameerikaan dhorkitee turte.

Maallaqni Iraan dhorkamee ture kun oomishaalee qonnaa Ameerikaa bituuf faayidaarra akka oolaan Pireezidaantiin Ameerikaa dubbachuu isaanii himameera.

Iraan gama isheen dhaabbanni Anniisaa Atoomikii idil addunyaa buufataalee Nukileerii Iraan irratti to’annoo akka taasisu eeyyamteerti.

Miikiyaas Ayyalaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment