Finfinnee, Fulbaana 29, 2019(FMC)- Komishinarri Olaantuun duraanii Komishinii Mirgoota Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii Naavii Piileey badhaasa noobeelii nageenyaa bara 2026 injifataniiru.
Dura Taa’aan Koree Badhaasa Noobeelii Nageenyaa Joorgeen Waatam Firiidinas guyyaa har’aa akka beeksisanitti, Naavii Piileey kutannoo eegumsa mirgoota namoomaaf agarsiisaniif badhaasni noobeelii nageenyaa bara 2026 kennameeraafi.
Naavii Piileey sirni seeraa idil-addunyaa hunda hammataa ta’e akka jiraatuuf hoggansa olaanaa kennaa akka turanis dura taa’ichi ibsaniiru.
Lammummaa Afrikaa Kibbaafi Hindi kan qaban Naavii Piileey bara faranjootaa 2008 hanga 2014’tti Komishinara Olaantuu Komishinii Mirgoota Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii ta’uun dhaabbaticha hoggananiiru.
Miikiyaas Ayyalaan.
#MootummaaIda’amuu