Finfinnee, Fulbaana 27, 2019 (FMC) – Kaabineen Gaanaa Murtoo biyyattiin BRICStti makamuuf gaaffii dhiyeessuuf dandeessisu dabarseera.
Pireezidaandiin biyyattii Joon Diraamaaniin kana yaada dhiyeessuun kaabinee isaaniin raggaasisuun ni yaadama.
Murtoon kun tumsa Idil Addunyaa baay’isuuf guddina diinagdee biyyattiif carraa dabalataa uumuuf ta’uu ibsame.
Gaanaan yeroo itti aanu BRICStti makamuuf ifatti gaaffii kan dhiyeessitu ta’uu Ministirri Alaa biyyattii Saamu’eel Ukkuuzeettoon ibsaniiru.
Gaanaan Baankii Addunyaa, IMF fi dhaabbilee faayinaansii Afrikaa waloon hundeessan keessaa tokko ta’uu ishee kan ibsan yoo ta’u, Gaanaan miseensa Mana Maree BRICS yoo taate, carraawwan misoomaa dabalataa akka isheef uumaman eeraniiru.
Gaanaan biyyoota miseensa BRICS kanneen akka Chaayinaa, Biraaziil fi Hindii waliin hariiroo daldalaa cimaa akka qabdu eeruun, miseensa BRICS ta’uun Gaanaa hariiroo daldalaa biyyoota kanneen waliin qabdu caalaatti akka guddisu himuu isaanii TRT’n gabaaseera.
Miikiyaas Ayyalaatiin
#MootummaaIda’amuu
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGudda