Finfinnee, Adoolessa 6, 2018 (FMC) – Iraan ulaa Hormuz keessatti dooniiwwan daldalaa darbaa turan haleelteetti jechuun, Ameerikaan halkan tokkotti qiyyaafannoowwan waraana Iraan hedduu haleeleera jette.
Waraanni Ameerikaa dabalees Ulaan Hormuuz daldala idil-adunyaatiif karaa murteessaa waan ta’eef, Iraan akka to’attu hin heyyamnu jedheera.
Deebii kanaanis Iraan, buufatawwan waraana Ameerikaa Joordaan, Baahireen fi Kuweetitti argaman dabalatee, sirnoota to’annoo raadaarii Omaan keessatti argaman rukutuu dubbatteetti.
Doonaald Tiraamp torban darbe waliigalteen dhukaasa dhaabuu Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru xumurameera jechuu hordofee, waraana biyyoota lamaan gidduutti deebi’ee ka’een Ameerikaan Iraan irratti yeroo sadaffaafi haleellaa raawwatteetti.
Maricha irratti bakka bu’aa Olaanaan Iraan Mahaammad Baageer marii kanaan walqabatee fuula Eksii (X) isaanii irratti ergaa barreessaniin, Ameerikaan waadaa ishee yoo kabajuu baatte gatii ni kaffalti jedhaniiru.
Waraana kanaan kan ka’e ulaan Hormuz cufamuun, daldala Ameerikaa dabalatee sochii daldalaa biyyoota Awurooppaa biroos gufachiisaa jira.
Haaluma kanaan, gatiin boba’aa dhiibbaa waraana kanaan booda irra deebi’iin olka’uun kan eerame yoo ta’u, gatiin boba’aa hindhimbiibaminii barmeelli tokkoo doolaara 79 gaheera Jechuun BBC’n gabaaseera.
Immabeet Siisaayiin