Appilikeeshiniin dhiyeessii fi raabsa damee boba’aa ammayyeessuuf dandeessisu ifoome

Finfinnee, Adoolessa 21, 2018 (FMC) – Abbaan Taayitaa Boba’aa fi Inarjii Appilikeeshinii dhiyeessii fi raabsa damee boba’aa ammayyeessuuf dandeessisu ifoomseera.

Appilikeeshiniin kun rakkoolee namtolchee raabsaa fi dhiyeessii boba’arratti mudatu qolachuuf dandeessisa jedhame.

Abbaan Taayitichaa erga bifa haaraan hundaa’ee booda raabsaa fi dhiyeessii boba’aarratti hojiilee hedduu hojjechuu Daayrekterri Olaanaan Abbaa Taayitichaa Dooktar Dastaa Mako’aaniinti ibsaniiru.

Hojiilee damee Boba’aa guutummaatti, damee Inarjii ammoo gariiniin hojimaanni Onlaayinii diriirfamuun maamiltoonni bakka jiranitti tajaajila akka argatan taasifamuu eeran.

Tajaajiloonni 29 ol diijitaalaan akka kennaman hojjetameera.

Sirni dijitaalaa kun hanqinootaa fi hojimaataa badaa damee boba’aa keessatti mul’atan hambisuuf gahee olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen eeraniiru.

Yeroo ammaa Tajaajilonni qeenxeen 300, tajaajiloonni dimshaashaa 47 sirna diijitaalaa keessatti kan hammataman yoo ta’u, yeroo itti aanu ummataaf kan ifooman ta’uutu ibsame.

Zufaan Ambaachawutiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment