Argisiifni Invastimentii Idil-Addunyaa Magaalaa Shaggar marsaa 2ffaan baname

Finfinnee,Waxabajjii 26, 2018 (FMC) – Argisiifni Invastimentii Idil-Addunyaa Magaalaa Shaggar marsaa 2ffaan mata duree”Carraa banaa hundumaaf” jedhuun Finfinnee giddugala Egzibishiiniitti banameera.

Magaalaa Shaggar Magaalaa dinagdee taasisuufi kenniinsa tajaajilaa teeknooloojiin deeggerame diriirsuun, humna Invastimentii magaalattii cimsuun rakkoo bulchiinsa gaarii gama invastimentiin ture maqsuun cinatti Magaalaa Shaggar beeksisuuf agarsiisa qophaa’eedha.

Shaggar yaadama badhaadhinaa qabattee hundoofteefi carraa investimantii bal’aa qabdudha jedhan saganticha kan eegalchiisan Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurhamaan.

Investimantiin babal’achaa jirus qonnaan bulaa kan buqqisu osoo hin ta’iin keessatti hammachuun diinagdee ijaaramu keessatti qooda olaanaa akka bahatan kan taasisuu ta’uu ibsuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

Magaalaan Shaggar diinagdee haaraa uumuun gaaffii uummataa sadarkaan jiru deebisuuf magaalaa ijaaramte ta’u Kaantiibaan magaalichaa Dooktar Tashoomaa Addunyaan eeraniiru.

‎ ‎#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment