Haaromsa Damee Oomishaa

Finfinnee, Onkoloolessa 6, 2019 (FMC) — Sochiin Itiyoophiyaan haa Oomishtuu damee oomishaa haaromsuun kaayyoo oomishaalee biyya alaa irraa galan kan biyya keessaan bakka buusuuqabatee kan jalqabame dha.

Sochiin kun oomishaaleen biyya keessatti baay’inaa fi qulqullinaan akka oomishamaniif gumaacha olaanaa taasisaa kan jiru yoo ta’u, damee indaastirii guddisuun sochii dinagdee biyyattii dabaleera.

Sochiin Itiyoophiyaan haa Oomishtuu oomishaalee bakka buusuu bira darbee, oomishaalee gara biyya alaatti erguun galii sharafa alaa dabaluuf bu’uura kaa’eera.

Hojimaata duraan oomishaalee biyya alaa irraa galan irratti hirkataa ture jijjiiruun, oomishtoonni biyya keessaa baay’inaa fi qulqullinaan akka oomishan dandeessiseera.

Itiyoophiyaan oomishaalee kanneen akka huccfuu, oomishaalee gogaa fi pilaastikaa irraa sharafa alaa guddaa baasaa turte, amma indaastiriiwwan biyya keessaatti bal’inaan akka oomishaman haalli mijataan uumameera.

Dabalataanis, sochiin kun bu’aalee teeknooloojii haaraa hojiirra oolchuun dandeettii oomishaa warshaalee guddisuun, oomishaalee gara biyya alaatti ergaman dabaluudhaan dorgomtummaa Itiyoophiyaa gabaa idil-addunyaa keessatti cimsuu danda’eera.

Keessumaa oomishaaleen qonnaa indaastiriiwwaniif galtee ta’an baay’inaan akka dhiyaatan gochuudhaan walitti hidhamiinsa dameewwan qonnaa fi indaastirii gidduu jiru cimsuuf gumaacheera.

Sochiin Itiyoophiyaan haa Oomishtuu bara 2014 jalqabame waggoota shanan darban keessatti dandeettii oomishaa indaastiriiwwanii dhibbeentaa 46 irraa gara dhibbeentaa 69.2tti ol guddisuu danda’eera.

Akkasumas, qooda gabaa biyya keessaa dhibbeentaa 30 ture gara dhibbeentaa 46.4tti ol guddisuu danda’eera.

Oomishaalee sharafa alaa baasuun biyya alaa irraa galan biyya keessatti oomishuun bakka buusuudhaan sharafa alaa Doolaara biiliyoona 5.96 qusachuun danda’ameera.

Waggoota shanan darban keessatti damee indaastirii oomishaa keessatti lammiilee miiliyoona 1.58 ol ta’aniif carraan hojii uumameera.

Sochiin kun imala badhaadhina Itiyoophiyaan dinagdee dameewwan hedduu irratti hundaa’e ijaaruuf jalqabde milkeessuuf gumaacha olaanaa kan qabu dha.

Aadaan oomishaalee biyya keessaa fayyadamuus akka dagaaguuf gahee gaarii bahachaa jira.

Beeteliheem Girmaatiin

#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment