Finfinnee, Onkololeessa 7, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Korporeeshiniin Faayinaansii idil addunyaa haala Invastimantii dhuunfaa guddisuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Jilli Itiyoophiyaa Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyiin durfamu Daayrektera Bulchiinsa Korporeeshiniin Faayinaansii idil Addunyaa Maaktaar Diiyoop waliin dhimmoota tumsa misooma damee dhuunfaarratti mari’ateera.
Mariin kun damee dinagdee Itiyoophiyaa keessatti dhimmoota murteessaa ta’an irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, keessumaa dameewwan misooma manneen jireenyaa gatii madaalawaa, dabarsa humna elektirikii fi indaastiriiwwan qonnaan walqabatan keessatti Invastimantii dhuunfaa akkaataa guddisuun danda’amu irratti kan xiyyeeffatedha.
Walga’iin kun, Itiyoophiyaan Invastimantii misoomaa mootummaa deeggaruuf kaappitaala dhuunfaa idil-addunyaa hawwachuuf tattaaffii itti fufiinsa qabu taasisaa jirtu kan agarsiisu ta’uun ibsameera.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa