Finfinnee, Adoolessa 27, 2018(FMC)- Ashaaraan magariisaa Naannoo Amaaraatti uwwisa bosonaa guddisuurra darbee galii maatiifi misooma cimsaa jira jedhan Pireezidaantiin naannichaa Obbo Araggaa Kabbadaa.
Obbo Araggaa Kabbadaa naannichatti wayita sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo eegalchiisan akka jedhanitti, ashaaraan magariisaa eegumsa naannoo dabalataan wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa bahachaa jira.
Sagantichi naannichatti uwwisa bosonaa guddisuu keessatti bu’aa jajjabeessaa galmeessisuu kaasanii, diinagdee gabaa irratti xiyyeeffatu cimsuuf misooma Maangoo, Paappayyaa, Bunaa fi Avokaadoo irratti hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Dhiqama biyyee hir’isuun fi gabbina biyyee dabaluun, maddeen bishaanii misoomsuun fi dhiibbaa hongee hir’isuun bu’aalee qabatamaa galmeessisuus ibsaniiru.
Sagantichi dhaloota egereef abdii kan uumu ta’uu eeruun, jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf hirmaannaan lammii hundaa barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia