Oomisha Itiyoophiyaa Addunyaatti beeksisu: Buna 

Finfinnee, Onkoloolessa 25, 2019(FMC)- Oomishaalee maqaa Itiyoophiyaa sadarkaa idil-addunyaatti beeksisan keessaa Bunni tarree jalqabaarratti eerama.
 
Itiyoophiyaan biyya argama Buna Arabiikaa jedhamuun addunyaarratti beekamti.
 
Bunni ishee qulqullina, urgaa fi dhandhama addaa qabuun gabaa addunyaa irratti barbaadamummaa olaanaa qaba.
 
Bunni Itiyoophiyaaf maqaa ishee kan beeksisu qofa osoo hin taane diinagdee biyyattii utubuu keessattis shoora olaanaa kan bahatudha.
 
Jiruufi jireenyi qonnaan bultoota biyyattii miiliyoonatti lakkaa’amuu oomisha bunaa irratti kan hundaa’edha.
 
Keessumaa jireenyi lammiilee kutaalee biyyattii oomisha bunaan beekamanii irra jireessaan oomisha Bunaa irratti hirkata.
 
Sadarkaa maatiirra darbees oomishni bunaa biyyattiif sharafa alaa olaanaa argamsiisuun guddina diinagdee biyyattii mirkaneessuu keessatti gahee leencaa bahachaa jira.
 
Qooda oomishni kun imala guddina biyyattii keessatti qabu caalmaatti guddisuuf Mootummaan Ida’amuu waggoottan darban irraa eegalee oomishaafi oomishtummaa isaa dabaluuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.
 
Sanyii biqiltuu bunaa fooyya’aa babal’isuu, biqiltuu bunaa dulloome gamashuun haaraa bakka buusuu akkasumas kunuunsa biqiltuufi to’annoo dhukkubaafi ilbiisotaa oomishtummaa bunaa miidhan irratti mala qonnaa fooyya’aa fayyadamuun oomishaafi oomishtummaa Bunaa dabaluuf hojjetamaa jira.
 
Kun immoo qulqullina oomisha Bunaa dabaluurra darbee barbaadamummaa Bunni Itiyoophiyaa gabaa addunyaarratti qabu guddisa.
 
Hangi sharafa alaa biyyattiin daldala al-ergii bunaarraa argattus wagga waggaan guddachaa dhufeera.
 
Akka ragaa Ministeera Qonnaatti Itiyoophiyaan bara baajataa darbe al-ergii Bunaarraa Doolaara biiliyoona 3.1 argatte. Bara 2019 ammoo Doolaara biiliyoona 4 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
 
Walumaagala, Bunni Itiyoophiyaaf sharafa alaa argamsiisuufi carraa hojii uumuun diinagdee ishee deeggaru akkasumas oomisha maqaa Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisudha.
 
Ayyaanaa Dheeressaan.
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

 

Comments (0)
Add Comment