Ashaaraan Magariisaa oomisha dammaa irratti bu’aa qabatamaa galmeessisaa jira- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2018 (FMC)- Ashaaraan Magariisaa oomisha dammaa irratti bu’aa qabatamaa galmeessisaa jira jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, sagantaan Ashaaraa Magariisaa eegumsa qabeenya qilleensaa keessatti qooda qabu gamasitti yeroo ammaa Itiyoophiyaatti oomisha dammaa irratti bu’aalee qabatamaa galmeessisaa jiraachuu ibsaniiru.

Sababa uumamaafi naannoo keenya eegneef, bosonni babal’achaa dhufanii fi naannawaa mijataan sanyiiwwan kanniisaa gargaaraniifi oomisha dammaa guddisan uumamaniif madden nyaataa uumamuu danda’aniiru jedhan ergaa isaaniin.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment