Atileet Maammoo Hacaaluu fi Maahileet Kaasaahun Fiigicha Guddicha Boqojjii injifatan

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2018(FMC) – Dorgommii fiigicha KM 12 yeroo 5ffaaf Boqojjiitti dorgomame dhiiraan atileet Maammoo Hacaaluu Ijaarsa Oromiyaa irraa injifateera.

Atileet Amaan Qaadii fi atileet Aliyyee Qaasim ammoo walitti aananii galuun sadarkaa 2ffaa fi 3ffaa qabachuun xumuraniiru.

Ramaddii dubartootaan ammoo atileetiin kilabii Atileetiksii Asallaa Maahileet Kaasaahun yoo injifattu, atileet Kiyyaa Fissahaa Leenjii Atileetiksii Asallaa irraa 2ffaa, atileet Dirribee Hirkoo 3ffaa ba’aniiru.

Dorgommii guddattootaa waggaa 15 gadiin ammoo dubartootaan Abbaayi Katamaa, dhiiraan ammoo Kaaliid Sulxaan injifataniiru.

Daawwiit Mahaariitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment