Ayyaana bara haaraa sababeeffachuun hanga ammaatti lammiilee kuma 400 oliif maaddiin qoodame – Biiricha

Finfinnee, Qaammee 4, 2018 (FMC) – Ayyaana bara haaraa sababeeffachuun hanga ammaatti lammiilee kuma 400 oliif maaddiin qoodame jedhe Biiroon Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa.

Ayyaana kana sababeeffachuun Qaammee 1, 2018 hanga Fulbaana 1, 2019tti lammiilee miiliyoona 1.5 ofiif deeggarsa hawaasummaa adda addaa taasisuuf karoorfamee Qaammee 1 eegalee hanga guyyaa kaleessatti lammiilee kuma 400 oliif deeggarsi taasifamuu Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaatti Daayrekterri Eegumsa Hawaasummaa Obbo Abdullaahii Ahimad Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

Waliigala Ayyaana Bara Haaraa sababeeffachuun Qaammee 1, 2018 hanga Fulbaana 1, 2019 deeggarsa akaakuu garaagaraa Birrii biiliyoona 4 olitti tilmaamamu kennuuf hojjetamaa jira jedhan.

Guyyaa har’aa guyyaa daneessummaa sababeeffachuun gguttuu Oromiyaatti deeggarsi guutuuun bal’inaan kennamaa jiraachuu himan.

Naannoo Oromiyaatti bara kana lammiilee miiliyoona 7 oliif deeggarsa hawaasummaa adda addaa taasisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu eeran.

Baatiwwan lamaan darban keessa qofa lammiilee miiliyoona 2.1 oliif deeggarsi hawaasummaa garaagaraa Birrii biiliyoona 36 ta’u taasifamuu ibsan.

Maanguddoonni, daa’immaan, qaama miidhamtoonnii fi maatiin harka qalleeyyiin fayyadamoo deeggarsa kanaa ta’uu eeran.

Deeggarsi kun mana harka qalleeyyii haaromsuu, haaraa ijaaruu, meeshaalee nyaataa, uffataalee, meeshaalee barnootaa, deeggarsa maallaqaa fi meeshaalee qaama miidhamtootaaf oolan kan of keessatti hammatu ta’uu ibsan.

Dhaabbileen misoomaa, hawaasummaa, mootummaa, miti mootummaa, afooshaalee, manneen amantaa, Ejansiiwwan fi abbootiin qabeenyaa hojiilee deeggarsa hawaasummaa kanarratti bal’inaan hirmaachaa jiraachuu kaasan.

Lammiilee kanneen waaraan dhaabuuf qooda fudhattoonni kunneen itti fufiinsaan hojjechaa jiraachus himaniiru.

Keessattuu namoota daandirraa kaasuun deebisanii ijaaruu, barattoota dhaabbiin barsiisanii xumursiisuu, hojii qabsiisuu, gurmeessuun hojii daldalaatti galchuu fi kanneen biroo irratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru dubbatan.

Sagantaa hirkatummaarraa gara oomishtummaatti jedhuun Lammiilee daandirra jiraataan kuma 19 ol ta’an daandiirraa kaasuun waaraan dhaabuuf karoorfamee, hanga ammaatti lammiileen kuma 1 fi 400 ta’aniif deeggarsi waaraa taasifamuun kadhaa bahanii akka of danda’an godhamuu eeran.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment