Baankiin Misoomaa Itiyoophiyaa liqii Yuuroo miiliyoona 31 kennuuf

Finfinnee, Adooleessa 21, 2018 (FMC) – Baankiin Misoomaa Itiyoophiyaa interpiraayizoota xixiqqaa fi giddugaleessaa bakkeewwan walitti bu’iinsaan miidhaman keessatti waldaalee hojii xixiqqaa, giddugaleessaa fi giddu galeessa ta’an deeggaruuf liqii Yuuroo miiliyoona 31 ni kennuufi.

Liqiin kun dhaabbilee oomisha indaastiriwwan omishaa, tajaajilaa, daldalaa, ijaarsaa fi oomisha qonnaa qindeessanii hojii irra oolchan naannolee Afaar, Amaaraa fi Tigraay keessatti argamaniif akka dhiyaatu ibsameera.

Daayrektarri Damee Interpiraayizoota Xixiqqaafi Giddugaleessaa fi Pirojektoota Diinagdee Magariisaa Baankii Misoomaa Itiyoophiyaa Obbo Tafarraa Bafiqaaduu liqiin kun sirna dhala madaalawaa ta’een akka dhiyaatu ibsaniiru.

Liqiin dhaabbileef filataman afurii fi dhaabbata maayikiroo faayinaansii tokkoof karaa dhala gadi aanaa ta’een akka dhiyaatus himaniiru.

Liqiin kun dhaabbilee dubartootaa fi dargaggootaan hundeeffamaniif dursa kan kennu yoo ta’u, Gamtaan Awurooppaa fi Baankiin Misooma Jarmanii liqicha deeggaruu isaanii odeeffannoon Baankii Misoomaa Itiyoophiyaa irraa argame ni mul’isa.

Baankiin Misoomaa Itiyoophiyaa naannolee walitti bu’iinsaa fi balaa uumamaatiin miidhaman keessatti dhaabbilee argamaniif liqii dhala gadi aanaa ta’een dhiyeessuuf qaamolee mootummaa fi miti mootummaa waliin waliigaltee jechuun Caamsaa darbe mallatteessuun isaa ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment