Baarsaloonaan Shaampiyoonaa Laaligaa Ispeen Ta’e

Finfinnee, Caamsaa 2, 2018 (FMC) – Baarsaloonaan shaampiyoonaa dorgommii Laaligaa Ispeen bara 2025/26 ta’uu isaa mirkaneeffateera.

Sagantaa tapha Laaligaa torban 35ffaa halkan sa’aatii 4:00 irratti Eel Kilaasikootti gaggeeffameen, Baarsaloonaan Riyaal Maadriid 2 fi 0n injifateera.

Tapha kanaan kilaba Kaataalaaniif Maarkas Raashfoordi fi Feeraan Tooreez galchiiwwan lamaan lakkoofsisaniiru.

Baarsaloonaan aan injifannoo kanaan qabxii isaa 91an ga’achuun, utuu taphoonni sadii isa hafanuu shaampiyoonaa Laaligaa ta’uu isaa mirkaneeffateera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment