Finfinnee, Waxabajjii 18, 2018 (FMC) – Veenizuweellaatti edana kirkira lafaa walitti aansee mudateen lakkoofsi namoota lubbuun darbanii 164 ga’uu Pirezidaantiin yeroo biyyattii Delsii Rodriigeezii beeksisaniiru.
Magaalaa guddoo biyyattii Kaaraakaas keessatti addaan fageenya daqiiqaa tokkoon kirkirri lafaa mudate kun hamma Iskeelii Reektarii 7.2 fi 7.5 ta’uun galmeeffamuu isaa Dhaabbanni Qorannoo Ji’oolojii Ameerikaa (USGS) beeksiseera.
Balaan kun waggoota 125 keessatti hamma kirkira lafaa mudatan keessaa isa guddaa akka ta’e kan ibsame yoo ta’u, hanga ammaatti yoo xiqqaate lubbuun namoota 164 darbeera.
Naannoo biyyattii La Guwaayiraa (La Guaira) jedhamutti balaa kanaan namoonni meeqa akka du’an hanga ammaatti hin beekamne.
Namoota du’an malees namoonni dhibbootaan lakkaawwaman kan madaawan yoo ta’u, jijjiga gamoowwanii jala namoota jiran baasuuf hojiin baraarsaa hojjetamaa jira.
Akkaataa hammeenya balaa kanaan lakkoofsi namoota du’anii baay’ee dabaluu akka danda’u dhaabbaticha wabeeffachuun Rooyitarsi gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia