Finfinnee, Onkoloolessa 20,2019(FMC)- Jilli Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Poolisii Yakkaa Idil-addunyaa (Intarpool) Shaaldeesii Uurkiizaan durfamu daawwannaa hojiif Finfinnee galeera.
Jilichi buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Boolee wayita gahu Ajajaa Waliigalaa Poolisii Federaalaa Komishinara Jeneraalaa Dammallaash Gabramikaa’el fi Pireezidantii Yuuniivarsiitii Poolisii Itiyoophiyaa Dooktar Taammiraat Mulugeetaan simatameera.
Jilichi turtii isaan Waajjira Muummee Poolisii Federaalaa akka daawwatu ibsameera.
Dabalataanis Akkaadaamii Giloobaalii Intarpool waliin waliigalteen ni mallatteeffama jedhamee akka eegamu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa