Waggoota shanan darban keessa manneen jireenyaa kumni 400 fi kumni 96 fi 971 jiraattootaaf dabarfaman

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2019 (FMC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee waggoota shanan darban keessa manneen jireenyaa kuma 400 fi kuma 96 fi 971 ijaaruun jiraattootaaf dabarseera jedhe.

Fedhii bu’uuraa jiraattotaa fi rakkoo mana jireenyaa ariifachiisaa ta’e adda baasuun, yaada jijjiirama haaraa hojiirra oolchuun, manneen jireenyaa kuma 400 fi kuma 96 fi 971 ijaaruun jiraattotaaf akka dabarfaman taasiseera jedhe bulchiinsi magaalichaa.

Bulchiinsi magaalichaa filannoowwan ijaarsaa garaagaraa diriirsuun dhaabbileen misooma manneen jireenyaa, misoomsitootni dhuunfaa, waldaaleen hojii gamtaa fi namoonni fedhiidhaan gargaarsa taasisan damee misooma manneen jireenyaa keessatti akka hirmaatan haalli mijataan uumamuu eere.

Bara kanas kurmaana jalqabaa keessa Manneen jireenyaa kumni 4 fi 200 ijraamuun fayyadamtootaaf dabarfamuu ibsame.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee kaafamtoota misoomaa, namoota galii gadi aanaa qaban, maanguddoota, namoota biyyaa isaanii keessatti gahee olaanaa bahatan, akkasumas namoota biroo abbootii mana jireenyaa taasisuun, hawaasni hundi misooma irraa haala hammataa ta’een akka fayyadamu mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalichaarra argame ni mul’isa.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment