Nyaata ,Anniisaa fi beekumsa irratti Invasti gochaa jirra- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2019 (FMC) – Nyaata,anniisaa fi beekumsa irratti Invasti gochaa jirra jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii 3ffaa Raashiyaa- Afrikaarratti haasawaa taasisaniiru.

Dooktar Abiy haasawaa isaaniin, gama nyaataan kaayyoon keenya jalqabaa ummata keenyaa nyaachiisuu fi badhaadhina waaraa kan ta’u diinagdee qonnaa ijaaruunii jedhan.

Haaluma kanaan tumsi Raashiyaa waliin taasifamu maashinoota qonnaa fi oomisha walitti qabnu kana karaa indasatiriiwwan qindessaniin milkeessuuf nu dandeesssa jedhan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Raashiyaa waliin ta’uun, Ejenesii Atoomikii Idil Addunyaa waliin qindaa’uun buufanni anniisaa Niwukilaaraa jalqabaa ijaaramaa jiraachuu eeraniiru.

Kunsi Anniisaa Elektiriikii Bishaan irratti hundaa’eta’uu eeruun, kunis madda anniisaa Itiyoophiyaa kan babal’isu ta’uu hubachiisaniiru.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #UummataGuddaa

Comments (0)
Add Comment