Bilbila akka baankiitti – Teelee Birrii

Waggoota muraasa dura, namni tokko, Maallaqa callaa harkatti qabachuun kaffaltiin raawwachaa ture.

Har’a garuu sun jijjiirameera.

Maallaqa olaanaa daddabarsuu irraa kaasee, hanga kaffaltiiwwan xixiqqaa raawwachuutti kaffaltiin bilbila qofaan raawwatamaa jira.

Sirna kaffaltii saffisaafi salphaa kanaafis Teeleebirr maqaa itti fudhata.

Maallaqa lakkaa’uun hafee tajaajila baankiif hiriiraan yeroo ofii gubuun hafaa jira.

Teeleebirriin Bara baajataa 2018 qofa, daddabarsi maallaqaa Birrii tiriliyoona 4.19 ol raawwatameera; fayyadamtoonni miiliyoona 60.6 ol tajaajila argataniiru.

Har’a daldaltoonni gibira isaanii salphaatti kaffalu, Lammiileen baadiyyaa jiranis,bilbila isaanii akka baankiitti fayyadamu.

Daldaltoonni xixiqqoon, tajaajila liqii fi qusannoof fagoo hindeeman.

Akkasumas, biyya alaa irraa, hawalaan maallaqa fudhachuu erguu danda’ameerra.

Teeleebirriin har’a appilikeeshinii kaffaltii qofa miti.

mootora ijoo diinagdee dijitaalaa Itiyoophiyaa sochoosu ta’eera.

Teeleebirrii jireenya guyyaa guyyaa keessan keessatti jijjiirama akkamii fideera?

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment