Biraayitan Bireentifordi injifachuun morkii isaa yoo cimsatu Cheelsiin injifatame

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2019 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 10ffaa galgala kana taphatameen Biraayitan Bireentifordi injifachuun morkii isaa yoo cimsatu Cheelsiin Sandarlaandiin injifatameera.

Biraayitan galchii 2 fi 0’n Bireentifoordi injifachuun liigichaan sadarkaa 2ffaa yoo qabatu, Cheelsiin Sandarlaandiin galchii 1 fi 0’n injifatameera.

Taphoota biroon Liiverpuul galchii 3 fi 1’n Kiristaal Paalaas, Boornimaawuuz galchii 2 fi 1’n Ippisiwiich Taawoon injifateera.

Daqiiqawwan muraasa booda morkiin Maanchiister Yuunaayitiid Astoon Viilaa waliin taasisu ni eegama.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment