Finfinnee, Onkololeessa 29, 2019 (FMC) – Taphoota Olompikii Dargaggoota Addunyaa 4ffaa Seeneegaalitti gaggeeffamaa jiruun Itiyoophiyaan meedaaliyaa jalqabaa argatteetti.
Fiigicha gufachiisaa meetira kuma 2 dubartootaa gidduutti gaggeeffameen Atileet Tsaadiqaan Makoonnin 2ffaa bahuun Meedaaliyaa Meetii Itiyoophiyaaf argamsiifteetti.
Akkasuma fiigicha meetira kuma 3’n Atileetoota dhiiroota gidduttii fiiggameen Atileet Gooyitoom Makonniin 2ffaa bahuun meedaaliyaa Meetii 2ffaa Itiyoophiyaaf argamsiisera.