Finfinnee, Caamsaa 10, 2018 (FMC) –Biyya cimaa ijaaruu fi bilisummaa imaammataa mirkaneessuuf birmadummaan daataa dhimma akkaan murteessadha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii biyyaalessaa mata duree “Birmadummaa odeeffannoo bilisummaa imaammataaf” jedhuun qophaa’e irratti argamuun imala guddiana daataa fi Istaatiksii Itiyoophiyaarratti yaada kennaniiru.
Dandeettiin daataa walitti qabuu,gurmeessuu fi xinxaaluu Itiyoohiyaa sadarkaa olaanaatti akka ce’u ogeeyyii damichaa qooda qaban galateeffataniiru.
Birmadummaan biyyaa daangaa fi dandeettii qaamaa ittisuu qofa osoo hin taane, birmadummaa Daataa, Nyaataa fi Imaammataa mirkaneessuu ta’uu dubbatan.
Keessattuu bilisummaa imaammataa mirkaneessuuf maddoota daataa ofii keenyaa maddisuu malee daataa bitachuun bulchuun hin barbaachisu jedhan.
Daataan alaa argame haala qabatamaa biyyaa, fedhii fi mul’ata gara fuuldutaa kaaraa guutuun milkeessuuf rakkisaa ta’uu hubachiisan.
Kanaafis daataa mataa ofii karaalee adda addaan walitti qabuu, kuusuu fi xinxaaluu danda’uun bilisummaa imaammata biyyaaf akkaan murteessaa ta’uu eeran.
Yoonaas Geetinnatiin.