Biyya diinagdee magariisaan fakkeenya taate…

Itiyoophiyaan teeknooloojiiwwan geejibaa, Indaastirii, teekinooloojiiwwan anniisaa qusatanii fi konkolaattota elektriikaa guddina dinagdee saffisiisan irratti xiyyeeffannoodhaan hojjachaa jirti.

Kanaanis baasii boba’aaf bahu xiqqeessuu fi sirna Geejibaa Annisaa haaromfamuun dursamu diriirsaa jirti.

Ministeerri Geejibaa fi Loojistiiksii dhaabbilee Federaalaa 18 ol kan hirmaachise tarsiimoo haaraa konkolaattota elektriikaa (2025-2030) fi karoora hojiirra oolmaa isaa ifa gochuun isaa ni yaadatama.

Tarsiimichi damee Geejjiba biyyattii gara Anniisaa elektriikaatti jijjiiru, haala saffisaan gara hojiitti galchuu fi qindoomina dhaabbilee cimsuuf yaadamee kan qophaa’edha.

Itiyoophiyaan baasii boba’aa xiqqeessuu fi dhiyeessii konkolaattota elektriikaa babal’isuuf tarsiimoowwan adda addaa bocuu fi imaammatoota onnachiiftuu taaksii baasuu irratti hojii guddaa hojjachaa jirti.

Mootummaan damee Geejjibaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennuun isaa konkolaattota elektriikaa irratti onnachiiftuuwwan taasiseera.

Haaluma kanaan, konkolaattonni elektriikaa guutummaatti suphamanii gara biyyaa galan irratti taaksiin gumuruukaaf kaffalamu inni olaanaan hanga % 35 akka ta’u murteesse.

Qaraxni kun walumaa gala taaksii eksaayizii,Suur fi taaksii dabalataa kan ofkeessatti qabatu waan ta’eef fichisiiftota guddaa kan onnachiisera.

Dabalataanis konkolaattonni biyya keessatti suphaman qaraxa gumuruukaarraa bilisaa taasifamaniiru.

Karoorri elektirifikeeshinii biyyattii yeroo ammaa konkolaattoota manaa fi geejjiba ummataa qofaan osoo hin daangeffamiin, geejjiba daangaa cehuu fi konkolaattonni fe’isa gurguddoo akka hammatu godhameera.

Haala Kanaan konkolaattota fe’isaa gurguddoo amma toonii 20 ulfaatan biyya keessatti suphuun eegalameera.

Pirojektoota gurguddoorrattis maashinaroonni elektiriikiin hojjetan hojii eegalaniiru.

Baay’inni konkolaattota elektiriikii biyyattii kuma 100 fi kuma 45 ol ta’eera.

Magaalota sagal keessatti tajaajilli Awutoobisii elektiriikii eegalameera.

Bu’ura misoomaa diriirsuun cinaatti suphaa baatirii, irra deebi’uun itti gargaaramuu fi oomisha baatiriirratti konkolaattota elektiriikii xiyyeeffachuun teeknooloojii fi dhaabbilee qorannoo waliin hojiin qorannoo saayinsaawaa waloo hojjetamaa jiru.

Itiyoophiyaan cehumsi gara konkolaattota elektiriikiitti gochaa jirtu faalama qilleensaa hir’isuudhaan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuudhaaf tattaaffii cimaa taasisaa jirti.

Imalli Itiyoophiyaan anniisaa haaromfamu irratti hundaa’uun jalqabde kun, biyyoota Afrikaa biroofis fakkeenya guddaa ta’aa jira.

Bara Faranjootaa 2030tti konkolaattota elektiriikii haaraa qabaattu keessaa % 30 biyya keessatti oomishuu fi walitti hidhuuf karoorfattee hojjetaa jirti.

Ashaaraan magariisaa Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtu dhiibbaa jijjiirama Qilleensaa dandamachuun imala Dinagdee magariisaa saffisiisaa jira.

Biqiltuuwwan biiliyoona 48 waggoottan darban dhaabbatan kutannoo hoggansaa fi hawasaa kan agarsiisudha.

Kunis dhaloota dhufuuf bu’uura cimaa kan kaa’udha.

Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi tumsa Itiyoophiyaanotaan ijaarame bu’ura misoomaa humna haaromfamaa Afriikaa isa guddaadha.

Milkaa’inni eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtu ajandaa misoomaa fakkeenya ta’ee fudhatamuudha.

Sosochiin konkolaattota elektiriikii maxxantummaa boba’aa biyyattii hir’isuun,birmadummaa dinagdee Itiyoophiyaa mirkaneessuu fi sadarkaa jireenyaa ummataa fulla’insaan fooyyessuuf humna guddaa qaba.

Kunis Itiyoophiyaan Dandeettii ofii fi beekumsa xabbootiin raawwachuu akka dandeessu agarsiisa.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment