Finfinnee, Fulbaana 4, 2019 (FMC)- Ciminni siyaasaa fi guddinni diinagdee biyya tokko kan madaalamu ce’umsa aangoo yeroo yeroon uumamu yookaan bilchina hoggansaa nama dhuunfaa irratti kan hundaa’u osoo hin taane cimina dhaabbilee barootaaf turaniin.
Ka’umsi iccitii guddina biyyootaa, dhaabbilee olaantummaa seeraa fi sagalee uummataa kabajan ijaaruu keessatti argama.
Namoonni dhuunfaa adeemsa seera uumamaa hordofuun ni dhufu, ni darbu; dhaabbanni biyyaalessaa cimaan garuu dhaloota hedduu keessa ce’ee jiraachuun birmadummaa biyyaa itti fufsiisa.
Dirreen siyaasaa walxaxaan Itiyoophiyaan keessa darbite gara daandii dimokraasii tasgabbaa’aa fi waaraatti jijjiiruuf tattaaffii taasifameen, dhaabbileen gurguddoon sadii utubaa ijaarsa biyyaa ta’aniiru.
Dhaabbanni jalqabaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa bilisaa fi walaba ta’e yoo ta’u, dhaabbata uummanni dhiibbaa tokko malee bilisaan akka filatu taasiseefi siyaasa keessatti gahee murteessuu uummataa mirkaneessedha.
Dhaabbanni filannoo walaba ta’e jiraachuun amantaa uummata ijaaruurra darbee bu’aa filannoo akka fudhatan gochuu keessattis gumaacha olaanaa bahateera.
Dhaabbanni biraa immoo Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaadha. Komishinichi marii biyyaalessaa milkaa’aa fi seenaa qabeessa, qaamolee hawaasaa hunda hirmaachise, seenaa biyya keenyaa keessatti argamee hin beekne gaggeesseera.
Adeemsi kunis garaagarummaa bu’uuraa siyaasaa fi hawaasummaa waggoota dheeraaf turan mariin furuuf bu’uurri kaa’e, waliigaltee biyyaalessaa uumuuf murteessaadha.
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa sagalee fi fedhiin uummataa kallattiin itti calaqqisu, akkasumas seeronni fi imaammatawwan biyyaalessaa itti maddan, bu’uura murteessaa biraa kaa’a.
Manni Marichaa cimuun hojimaata mootummaa to’achuu fi itti gaafatamummaa mirkaneessuu keessatti bu’uura ta’eera.
Adeemsi diimookiraasii paartileen filannoo mo’atan karaa Mana Maree Bakka Bu’ootaan mootummaa itti hundeessan adeemsa ijaarsa biyyaa kan saffisiisuufi olaantummaa seeraa kan mirkaneessudha.
Dhaabbileen yeroo ciman, adeemsi siyaasaa ifaa, amanamaa fi nagaa qabeessa ta’a.
Hojiin dhaabbilee cimsuuf yeroo ammaa hojjetamaa jiru nageenya waaraa, guddina diinagdee fi badhaadhina Itiyoophiyaaf akkasumas dhalootaaf bu’uura amansiisaa kan kaa’u, boqonnaa seenaa qabeessadha.
Malkaam Fiqaaduun.