Booranni bu’uura badhaadhinaa Oromiyaa ta’ee seenaa haaraa barreessuuf deema- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2018( FMC)- Booranni bu’uura badhaadhinaa Oromiyaa ta’ee seenaa haaraa barreessuuf deema jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Obbo Shimallis Abdiisaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Booranni har’a giddugala oomishtummaati; Boru ammoo bu’uura badhaadhina Oromiyaa ta’ee seenaa haaraa barreessuuf deemaa jira jedhan.

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.

𝐁𝐨𝐨𝐫𝐚𝐧𝐚: 𝐒𝐞𝐞𝐧𝐚𝐚 𝐃𝐚𝐠𝐚𝐭𝐚𝐦𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐫𝐚 𝐁𝐮’𝐮𝐮𝐫𝐚 𝐎𝐨𝐦𝐢𝐬𝐡𝐭𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢
Seenaa Godinaalee Booranaa keessatti gaaffii guddaan yeroo dheeraaf deebii malee ture ‘ijaarsa biyyaa keessatti iddoon hawaasa horsiisee bulaa maal ta’a?’ kan jedhu ture.

Horsiisee bulaan yeroo dheeraaf akka daangaa biyyaa fageeffachuufi madda qabeenyaa qofatti malee, akka humna oomishtummaafi bu’uura badhaadhinaatti ilaalamaa hinturre. Qabeenya umamaa, lafa, humna namaafi omishaalee al-ergii isaatiif qofa barbaadama ture.

Bu’aan ilaalcha kanaa ifaadha. Booranni qabeenya umamaa guddaa qabaatus, bu’aa misoomaa isa madaalu hinarganne. Hanqinni bu’uuraalee misoomaa, saaxilamummaan hongeefi fagaatinni, yeroo dheeraaf mootummaaafi dinagdee biyyattii irraa adda isa baasanii turan.

Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa haala kana jijjiiruuf hojii baldhaa jalqabeera. Kaayyoon keenya Boorana keessatti pirojektoota adda addaa raawwachuu qofa miti. Hariiroo mootummaa, misoomaafi hawaasa horsiisee bulaa gidduu yeroo dheeraaf ture bifa haaraan ijaaruudha.

Seenaa dagatamummaa irraa gara bu’uura oomishtummaa, wabii nyaataafi badhaadhina waaraatti ceesisuudha.

Kaayyoon keenya mala jireenyaa isaanii jijjiiruu miti; gama tokkoon mala jireenyaa kana haaromsuu, gama birootiin, carraa omishaa haaraa itti dabaluudha. Kanaaf hojii ce’umsaa keenya daandiiwwan waldeeggaran lama irratti ijaaraa jirra.

𝐓𝐨𝐤𝐤𝐨: 𝐌𝐚𝐥𝐚 𝐉𝐢𝐫𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐇𝐨𝐫𝐬𝐢𝐢𝐬𝐞𝐞 𝐁𝐮𝐥𝐚𝐚 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐨𝐦𝐬𝐮𝐮
Hawaasa horsiisee bulaatiif, hunda caalaa, bishaaniifi nyaanni beeyladaa dhimma murteessoodha. Kana hubachuun, Godinaalee Booranaa lamaanitti pirojektii Finnaatiin hidhawwan 23 ijaarreerra. Pirojektii Finnaa cinaatti bishaan bulchuu irratti hojii baldhaa raawwanneerra. Bara kana qofa haroowwan maati 208 akkasumas haroowwan hawaasaa 26 qotamanii bishaan kuusuu jalqabaniiru.

Dhugaatii beeyladaa cinaatti horsiisni qurxummii sirna nyaata naannichaa gabbisaa jira. Kaayyoon keenya hongee qofa ittisuu miti; marsaa hiyyummaa hongeen dhalatu cabsuuf bu’uura kaa’uudha. Kanaaf, pirojektoota hidha bishaanii qofa osoo hintaane, sirna guutuu humna damdamannaa hawaasaa cimsu ijaaruu irratti hojjechaa jirra.

Pirojektii Bishaan Dhugaatii Booranaa bajata olaanaan raawwachaa jirru sadarkaa gaarirraan geenyee jirra. Yeroo ammaas, kiilo meetira dhibbootaan diriiree hawaasa godinaalee lamaanii gamanumaa fayyadamaa taasisuu jalqabeera. Kun bishaan dhaqqabsiisuu qofa osoo hintaane jireenya hawaasaafi dinagdee naannichaa walitti hidhuudha.

Hanqina nyaata beeyladaa sababa hongeetiin deddeebi’ee muudatu furuuf bara 2014 irraa jalqabnee inisheetivii nyaata beeyladaa hojiirra oolchaa jirra. Tiraaktaroota qonna margaa, maashinoota marga haaman (mower), maashinoota marga hidhanii (baller )’fi doqdoqqee hordoffii dhiyeessineerra.

Misooma marga sanyii filatamaafi lafa dheedumsa hawaasaa fooyyessuu irratti milkaa’aa jirra. Godinaalee kanniinitti, saanyii nyaata beeyladaa fooyya’aa facaasuu, miciree lafa dheedumsaa keessaa ciruufi aramaa too’achuun lafa hekt. kuma 65’tti dhiyaatu misoomsuu dandeenyerra.

Man-kuusaa margaa gurguddaa 19 ijaaruun hongee dhufuuf of-qopheessaa jirra. Tokkoon tokkoon isaanii waggaatti giddugalaan hidhaa margaa (beelii) kuma 60, akkasumas walitti hidhaa margaa mil. 1.1 ta’uu qabachuu danda’u. Fknf, man-kuusaa Saaritee (Aanaa Elwoyyee) qofatti, hidhaa margaa 104,000 ol of-eeggannoof kuusuu dandeenyerra. Bara kanas marga toonii kuma 150’tti dhiyaatu misoomsinee sassaabbii jalqabnee jirra.

Inisheetivii sanyii loonii fooyyessuu, fayyaa beeyladaa eeguufi hidhamiinsa gabaa ammayyeessuutiin bu’aa horsiisaa guddisaa jirra. ‘Giddugalli Qorannoo Fayyaa Beeyladaa’ magaalaa Yaaballootti ijaarrees qaamuma kanaati. Kana malees, hidhamiinsa gabaa beeyladaa cimsuu irratti hojii gaarii jalqabneerra.

Kana qofa miti. Misooma daandiiwwanii, buufataalee xayyaaraa, leecaalloo, turizimiifi bu’uuraalee qunnamtiitiin Boorana daangaa fagoo ta’ee adda citee ture, gara giddugala hidhamiinsa Oromiyaatti ceesisaa jirra. Bu’uuraaleen kunniin dinagdee qofa hinutubani; hawaasa Booranaa jaarraa hedduuf eenyummaa Oromoo baatee asiin gahe Oromoota hafan waliin deebisanii walitti hidhu. Hariiroo seenaa addaan citee ture haaromsu.

Manneen barnootaa Bu’uura Boruu, sadarkaa 1ffaafi sadarkaa 2ffaa akkasumas buufataalee fayyaafi hospitaalota babaldhisaa jirra. Bu’aan raawwilee keenyaa ifatti muldhachaa jira. Humni dandamannaa hongee hawaasa Booranaa gama maraanuu daran dabalaa jira.

𝐋𝐚𝐦𝐚: 𝐌𝐚𝐥𝐚 𝐎𝐦𝐢𝐬𝐡𝐚𝐚 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐁𝐞𝐞𝐤𝐬𝐢𝐬𝐮𝐮
Booranni lafa baldhaa qofa osoo hintaane biyyee gabbataas niqaba. Horsiisa cinaatti qonna akka hinjalqabne rakkoo guddaa ta’ee kan ture hanqina dandeettii omishuu miti. Sirna tarsiimoo yeroo roobaa gabaabaatti fayyadamuuf dandeessisu bocee hojiitti hiikutu hinturre.

Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa qaawwa kana guutaa jira. Kanas tarsiimoo qonna makaanizeeshinii hojiirra oolchuun ce’aa jira.
Waggoota muraasa dura Godinaalee Booranaatti lafti waliigalaa qotamaa ture hektaara kuma 200 baay’ee kan caalu hinturre. Fknf, Godina Booranaa addatti yoofudhanne, bara omishaa 2013/14 qamadii lafa hektaara 7,000 hincaalle qotee callaa kuntaale kuma 12 hinguunne argatee ture.

Xiyyeeffannoo Mootummaan kenneen, keessumaa inisheetivii qamadii hordofee lakkoofsi kun jijjiirama seena qabeessa agarsiiseera.

Bara omishaa kana Godinaaleen lameen, waliigala lafa hektaara miliyoona walakkaadhaa (500,000) ol qotuun callaa mil. 9 eegaa jiru. Qamadii addatti yemmuu ilaallu, lafa hektaara kuma 100 gahaniiru. Callaan argamus kuntaala mil. 2’fi kuma 200 olitti eegama. Kun yeroo jalqabaaf Boorana keessatti omishni qonnaa akka utubaa dinagdee ta’uu danda’u agarsiisaa jira.

Kun salphaatti hinmilkoofne. Yeroo roobaa gabaaba fayyadamuuf, tiraaktaroota naannawichaafi godinaalee biroo, akkasumas hawaasa sochoofnee yeroo gabaabaa keessatti lafa baldhaa qotuun dirqama ture.

Akkasumas, sanyii sirna-ikkoo qonna naannawichaatti madaqu duursinee qopheessuu qabna ture. Ifaajiin kun adeemsa ta’ee hinhafne; bu’aa isaa yeroo gabaabaa keessatti arguu jalqabneerra. Keessumaa inisheetiviin qamadii waggoota sadi qofa keessatti bu’uura sirna omishaa haaraa ta’aa jira.

Kun qonna qofa miti; jijjiirama yaadaa, jijjiirama mala omishaafi jijjiirama seenaa keessatti muldhatuudha. Wanti yeroo dheeraaf akka hindanda’amneetti tilmaamamaa ture, har’a ija keenya duratti dhugaa seenaa ta’aa jira. Yeroo dhufuttis, qorannoo, teknoolojiifi hoggansa barbaachisuun daaballee caalmaatti kan milkeessinu ta’a.

***
Har’a yeroo ooyiruu qamadii akka samii diriire ilaallu, qamadii qofa hinarginu; carraa dinagdee haaraa argina. Yeroo hidhawwan bishaanii ilaallu, bishaan qofa hinarginu; nageenya jireenyaa argina. Yeroo misooma margaa ilaallu, marga qofa hinarginu; humna hongee damdamatu argina. Yeroo Boorana ilaallu ammoo, naannoo seenaa keessatti dagatamee ture tokko hinarginu; bu’uura badhaadhina Oromiyaa boruu argina.

Barootaaf Booranni akka daangaa fagoo biyyaa qofaatti ilaalamaa ture. Har’a garuu daangaa miti; hidhannoo Oromiyaati. Akkuma bu’uuraaleen misoomaa isaa babaldhatan, hariiroon isaa dinagdee qofaan osoo hintaane, hawaasummaafi eenyummaanis caalaatti jabaachaa deema.

Booranni har’a giddugala oomishtummaati. Boru ammoo bu’uura badhaadhina Oromiyaa ta’ee seenaa haaraa barreessuuf deemaa jira.

Ce’umsichi jalqabameera. Amma hojiin nu’eeggatu, ce’umsa kana bu’aa yeroo gabaabaa irraa gara sirna oomishtummaa waaraatti guddisuudha.
Gadaan Quufaa Gabbina!

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment