Finfinnee, Hagayya 11, 2018 (FMC)- Marii fi duudhaalee Ida’amuutiin seenessi waloo ijaaramu Itiyoophiyaa jabduu, badhaatuu fi mana hundaa taate dhugoomsuuf dandeessisa.
Itiyoophiyaan madda dhala namaa taatus, seenaa ishee keessatti rakkoolee siyaasaa hedduu kan dabarsite; ammaas nageenya waaraa fi waliigaltee siyaasaa waloo ishee barbaachisa.
Ijaarsa biyyaa fi nageenya waaraa mirkaneessuuf, seenessa waloo eenyummaa fi fedhii hundaa calaqqisiisu uumuun dhimma dursi kennamuufidha.
Akkuma beekamu seenessi qeenxeen waggoota dheeraaf jeequmsa siyaasaa fi ilaalcha addaan qoodinsaa uumamuuf sababa guddaa ta’aa tureera.
Rakkicha karaa waaraa ta’een furuuf ammoo seenessa waloo, dogoggora darbe sirreessuu fi duudhaalee gaarii kanaan duraa kabaju bocuun barbaachisaadha.
Seenessa waloo kana uumuuf yaadamni ida’amuu seenaa gaarii darbe eeguun, dandeettii har’aa qindeessuun fi abdii egeree ifa ta’e kaayyoo godhachuun falaasama murteessaadha.
Yaadamni Ida’amuu kun adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti Itiyoophiyummaa fi sabdaneessummaan karaa wal-deeggaruun kan itti fufan ta’uu agarsiisa.
Yeroo ammaa kana xumuramaa kan jiru adeemsi marii biyyaalessaa fedhii kutaa hawaasaa garagaraa fi humnoota siyaasaa karaa bilchina qabuun keessummeessuuf waltajjii seena qabeessa qophaa’edha.
Marii biyyaalessaa keessatti mariiwwan amanamummaa fi qulqullinaan geggeeffaman seenessa waloo fi waliigaltee hawaasummaa fuulduraaf bu’uura kan kaa’anidha.
Seenessi waloo jiraachuun jijijjiiramuun mootummootaa kaayyoo bu’uuraa biyyaa osoo hin tuqiin biyyi ciminaafi tasgabbiin akka itti fuftu godha.
Haala qabatamaa Itiyoophiyaan seenessi waloo sabdaneessummaa, afaanota fi aadaawwan biyyattii kan kabaju tokkummaa sabdaneessaa kan hammate ta’uu qaba.
Tokkummaa sabdaneessaa jechuun ilaalcha mirgi saboota hundaa kabajamee biyyi waloo ittiin ijaaramtudha.
Kunis finxaalessummaafi qoqqoodiinsa dhabamsiisuun eenyummaan lammiilee kabajamee Itiyoophiyummaatti akka boonan godha.
Milkaa’ina kaayyoo guddaa kanaafis miidiyaaleen, abbootiin amantaa, manguddoonni, paartileen siyaasaa fi qooda fudhattoonni biroon duudhaalee gaarii fi obbolummaa sabdaneessaa cimsuun gahee isaanii bahachuu qabu.
Walumaagalatti marii fi duudhaalee Ida’amuutiin seenessi waloo ijaaramu Itiyoophiyaa cimtuu, badhaatuu fi mana hundaa taate dhugoomsuuf ni dandeessisa.
#Oromia #Ethiopia