Finfinnee, Hagayya 10, 2018 (FMC) — Marii Biyyaalessaa keessatti yaadonni hirmaachisoo fi waliigaltee waloo ijaaran bilisummaa guutuun akka calaqqisan hoggantoonni paartilee siyaasaa maricha irratti hirmaatan ibsan.
Hoggantoonni paartilee siyaasaa yaada kennan akka jedhanitti, rakkooleen biyyaalessaa Itiyoophiyaa waggoota dheeraaf turan guddina biyyattii gufachiisaa turaniiru.
Rakkoolee kanneen itti fufiinsaan furuufi Itiyoophiyaa gara sadarkaa fooyya’aatti ceesisuuf adeemsa Marii Biyyaalessaa keessa seenuun murteessaa fi barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Adeemsa hanga ammaatti taasifameenis, waltajjiin marii rakkoolee biyyaalessaa yeroo dheeraaf turaniif furmaata itti fufiinsa qabu barbaaduuf haala mijataa uumuun ibsameera.
Mari’ataa waltajjichaa fi Pireezidaantii Sochii Dimookiraatawaa Ummata Gumuz, Giraany Guddataa akka jedhanitti, mariin kun nagaa waaraa fuulduraaf mirkaneessuufi badhaadhina waliigalaa Itiyoophiyaaf gahee murteessaa qaba.
Mariichi yaadota hunda hammatan, waliigaltee waloo cimsan, akkasumas ijaarsa biyyaaf bu’uura cimaa ta’an akka calaqqisan ibsaniiru.
Pirezidaantiin Gamtaa Dimookiraatawaa Itiyoophiyaa, Obbo Gabruu Barhee, gama isaaniin adeemsi Marii Biyyaalessaa dhalootaafi hawaasa marii fi waliigaltee irratti amanu uumuuf gahee olaanaa akka qabu dubbataniiru.
Waltajjicharrattis nagaa waaraa fi waliigaltee waloo biyyaaf murteessaa ta’an irratti mariin bu’a qabeessi adeemsifamaa jiraachuu eeraniiru.
Itiyoophiyaa keessatti yeroo tokkotti uummanni baay’inaan hirmaatee mari’achuun kun kan jalqabaa ta’uu kan ibsan bakka bu’aan Paartii Sochii Bilisummaa Sidaamaa, Obbo Simaachaw Ingisoo, marichi Itiyoophiyaaw#