Finfinnee, Caamsaa 11, 2018 (FMC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dhaabbilee hawaasa siiviilii Filannoo Waliigalaa 7ffaa taajjabaniif waltajjii hubannoo uumuu gaggeesseera.
Waltajjicharratti walitti qabduun Boordichaa Meelaatawarqi Hayiluu filannoon dura hojiilee hedduun hojjetamaa turuu yaadachiisanii, dhaabbilee hawaasa siiviilii hojii taajjabbii filannoo irratti bobba’aniif beekamtii kennuun hojii tokko akka ta’e kaasaniiru.
Hirmaannaan taajjabdootaa iftoomina, hirmaachisummaafi itti gaafatamummaa filannichaaf murteessaa akka ta’e eeruun, adeemsa galmee filattootaa hordofee dhaabbiilee hawaasa siiviilii filannicha taajjabuuf gabaasa dhiyeessan galateeffataniiru.
Dhaabbileen hawaasa siiviilii filannicha taajjabuuf gabaasa dhiyeesssuun isaanii sirni filannichaa ammayyaa’uufi dimookiraatawaa akka ta’uuf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Tumsi kun hiikkaa kan qabaatu seera hordofuun wayita hojjetamu ta’uu ibsuun, waltajjiin kunis hammattoo seera filannoo, qajeelfama taajjabdootaafi adeemsa filannoo waliigalaa irratti hubannoo uumuuf akka ta’e hubachiisaniiru.
Waltajjiin kun dhaabbilee Kanaan dura taajjabbii filannoo irratti hirmaatanii beekaniif xiyyeeffannoo olaanaan akka taajjabaniif; warreen haaraa galmaa’aniif ammoo hubannoo uumuuf yaadamee qophaa’uu ibsuusaanii ragaan Boordicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia