Finfinnee, Caamsaa 3, 2018(FMC)- Naannolee filannoo kuma 1 fi 139 keessaa bu’aan sagalee naannolee filannoo kuma 1 fi 8 Giddugala mirkaneessaa gaheera jedhe Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa.
Walitti qabduun Boordichaa Meelaatawarqi Hayiluu ibsa miidiyaaleef kennaniin, bu’aan sagalee naannolee filannoo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa 501 keessaa kan 446 akkasumas naannolee filannoo Mana Maree Naannolee 638 keessaa kan 562 gara Giddugaleessa mirkaneessaa Bordichaa dhufuu eeraniiru.
Bu’aan sagalee naannolee filannoo 131 hafanii sababa fageenyaan kan hin qaqqabne ta’uufi imalarra jiraachuu kaasanii, ariitiin Giddugala akka gahaniif hordoffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Gama biraan adeemsi kenniinsa sagalee kaampiiwwan buqqaatota biyya keessaafi waraanaa keessatti xumuramuu eeruun, bu’aa isaa gara giddugaleessaatti fiduuf hojiin ida’uu hojjetamaa jira jedhan.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia