Finfinnee, Fulbaana 1, 2019 (FMC) – Ayyaanni bara haaraa 2019 guutuu Itiyoophiyaatti qophiilee garaagaraan kabajamaa jira.
Bara haaraa Itiyoophiyaa kan ta’e Fulbaanni 1 guutuu biyyattiitti sagantaalee adda addaan kabajamaa jira.
Dureewwan amantaalee ayyaanicha sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Ergaa isaaniin barri haaraan kan araaraa, wal tumsuu, nageenyaa, gammachuu fi hoodaa akka ta’u hawwaniiru.
Hoggantoonni Olaanoon Mootummaas ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Ayyaanni bara haaraa kan abdii haaraafi egeree gaarii itti waliif hawwan, hariiroo fi tokkummaa cimsan ta’uu ibsan.
Bara 2019 gammachuu, jaalala, kan walitti mufate dhiifamaafi araaraan, wal kabajaa fi kan qabu isa hinqabneef qooduun haa simannu jechuun ergaa dabarsan.
Milkaa’inni bara 2018 keessa galmaa’e bara 2019 caalmaatti akka cimu kan hojjetamu ta’uu mirkaneessan.
#Oromia #Ethiopia