Bulchiinsi magaalichaa kurmaana jalqabaa keessa galii Birrii biiliyoona 19 ol walitti qabe

Finfinnee, Sadaasa 18, 2019 (FMC) – Bulchiinsi Magaalaa Shaggar bara baajataa kana kurmaana jalqabaa keessa galii Birrii biiliyoona 19 ol walitti qabe jedhe.

Bulchiinsi magaalichaa bara baajataa kana maddoota adda addaarraa galii Birrii biiliyoona 65 walitti qabuuf karoorfatee hojjetaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Galiiwwanii magaalichaa obbo Malkaamuu Anbaaw ibsaniiru.

Baatiwwan sadan darban keessas galiin Birriin biiliyoonni 19 ol walitti qabamuu eeran.

Hawaasni gibirri bu’uura misooma fi tajaajila hawaasummaa akkasumas ijaarsa dimokiraasii ta’uu isaa hubachuun itti gaafatamummaa isaa akka bahatuuf hojiileen hubannoo uumuu bal’inaan hojjetamuu himuu ENA’n gabaaseera.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment