Finfinnee, Qaammee 5, 2018( FMC)- Ce’umsi diijitaalaa utubaa birmadummaa keenyaati jedhan Af-Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoo.
Qaammee 5, “Guyyaan Egeree” bakka Af- Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoofi Ministira Innooveeshiniifi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaa dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon biroon argamanitti Godambaa Saayinsiitti kabajamaa jira.
Obbo Taaggasaa Caafoo wayita kana, Itiyoophiyaan bara 2018 dameewwan garaagaraan milkaa’inoota gurguddoo galmeessisuu ibsaniiru.
Addunyaa irratti dorgommiin teeknooloojii haalaan guddachaa dhufuu kaasanii, ce’umsi diijitaalaa Itiyoophiyaafis utubaa birmadummaa ishee akka ta’e hubachiisaniiru.
Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf waggoottan shanan itti aananitti saffisa olaanaa, cichoominaan hojjechuufi qindoomina dhaabbilee akka gaafatu kaasaniiru.
Itiyoophiyaanonni dhimmoota garaagarummaa uuman irratti mari’achuun aadaa marii haaraa gabbisaa jirus jedhaniiru.
Ministirri Innooveeshiniifi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaa gamasaaniin, ce’umsa diijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf hojiilee hedduun hojjetamaa akka jiran ibsan.
Bu’aa argameef tarsiimoon Diijitaal Itiyoophiyaa 2025 qooda olaanaa qabaachuu kaasanii, jalqabbiin kun Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 cimee itti fufa jedhaniiru.
Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.