Chaayinaan yaalii misaa’ela baalaastikaa milkaa’inaan gaggeessite

Finfinnee,Waxabajjii 29, 2018 (FMC) – Humni Galaanaa Chaayinaa Doonii Bishaaan keessaraa gara Garba Paasifikitti yaalii misaa’ela baalaastikaa milkaa’inaan gaggeessera.

Yaalichi wayita Chaayinaa fi Raashiyaan qarqara galaana Kiingida’ootto shaakala Humna Galaanaa waloo waggaa taasisuu eegalanitti kan taasifameedha.

Yaalichi osoo hin eegalin dura Chaayinaan Biyyoota Baha Eeshiyaa fi Naannawaa Paassifikiitti argamaniif ergaa of eeggannoo dabarsuu ishee Asoosheetiid Pireesiin gabaaseera.

Misaa’elichi sa’aatii sirriitti bakka jedhamee qubachuu Dubbii Himaan Humna Galaanaa Chaayinaa Waangi Shumangi mirkaneessaniiru.

Yaalichi qaama leenjii loltummaa waggaa Chaayinaa ta’uu eeruun, biyyoota naannawichaa dhimmichi ilaallatu dursanii akka beekan taasifamuu himan.

Immabeet Sisaayiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment