Chaayinaatti bakka Albuudni dhagaa Cilee bahutti dhoohiinsa mudateen yoo xiqqaata lubbuun namoota 90 darbe

Finfinnee, Caamsaa 15, 2018 (FMC) – Kaaba Chaayinaa Kutaa Bulchiinsa Shaanshiitti bakka Albuudni dhagaa cilee bahutti dhoohiinsa muudateen yoo xiqqaate lubbuun namoota 90 darbuu gabaafame.

Balichi dhaabbata Albuuda baasu kan Toongizyuu Giruuppiin bulu keessatti kan qaqqabe yoo ta’u, wayita balichi muudatu hojjettoonni 247 bakkichatti hojiirra turan jedhame.

Hanga ammaatti lubbuun namoota 90 darbuu mirkanaa’uu BBC’n gabaaseera.

Yeroo ammaa hojiin lubbuu baraaruu hojjetamaa jiraachuu ibsame.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment